• Home
  • login page
Haala Waligalaa Magaalaa Maayaa
Magaalaan Maayaa magaalota Mootummaa Naannoo Oromiyaa Muummee jiran keessaa isa tokko dha. Muummeen magaalaa kun yeroo ammaa kutaa magaalaa sadiin kan qoodamte ta’ee Gandoota (araddoota) kudha lama (12) kan of jalatti hammattee hundeeffamedha. Magaalaan maayaa Naannoo Baha Oromiyaa Keessatti kan hundeeffamtee fi Haalli Qilleensa ishee Baddaa fi Badda daree kan ta’eedha. Kunis Naannoon Magaalaa Maayaa kun Waggaatti Rooba G/galeessaan MM400-2000 itti akkasumas ol-ka’insa sirrii galaana irraa 2002 hanga 2050 m irratti kan argamtudha. Bali’inni dirra lafa Magaala Maayaa naannoo hektaara 34,000 irratti kan hundoofte dha Magaalli maayaa Magaala Finfinnee irraa gara bahaattii 525 Km fagaattee kan argamtuu fi Bahaan Naannoo Hararii, Dhihaan Aanaa Qarsaa, Kaabaan Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dawaa fi Kibbaan Aanaa Haramaayaa’n Kan Daagefamteedha.
Kaayyoo Waajjira Barnootaa
Dhaloota dandeettii,gahumsaafi jaalala biyyaa cimaa qabu ijaaruu; Beekumsa, dandeettiifi qabeenya hawaasaa qindeessuun Magaalaa keenya ijaaruun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuu; Dhaloonni aadaa fi duudhaalee hawaasa keessa jiru akka hubatu jaalalaa fi quuqama biyyaa akka qabaatuufi aadaa waliin hojjechuu akka gabbifatu taasisuu; Kenna tajaajila lammummaa jajjabeessuun miirri lammiif tumsu akka uumamu gochuu, Dhaloota itti gaafatamummaan itti dhagahamu, dirqama lammummaa bahatu fi fakkeenya gaarii tahuu danda’u uumuu. Miira dorgommiin hojjechuun jijjiirama fiduu fi hawaasa irraa fayyadamaa gochuu uummu.
Ergama (Mission)

Carraa barnootaa walgitiinsi, qulqullinnii fi ga’umsii isaa mirkanaa’e sagantaalee idilee fi al-idileetiin babal’isuun dhaabbilee barnootaa keessatti aadaa dimookraasii fi bulchiinsa gaarii dagaagsuun humna nama baratee hiyyummaa seenaa gochuu danda’u Horachuu.

Mul'ata (Vision)

Bara 2026tti lammii baratee haaromsa eegalame itti fufsiisuun biyya keenya biyyoota galii giddu-galeessaa horachuu.

Sona

Sagantaa Misooma Sektara Barnoota 6ffaa (ESDP-VI) KGT Sadaffaa Magaalaa Keenyaa Galmaan Gahuuf, Caasaaleen Barnootaa Hundinuu Sonaawan Armaan Gadii Gonfachuun Irraa Eegama.

  1. Quuqama /Responsible/
  2. Kutannoo /Commitment/
  3. Hirmaachisummaa /Participatory/
  4. Iftoomina /Transparency/
  5. Bu’a qabeessummaa /Effectiveness/
  6. Qulqullina /Quality/
  7. Fakkeenyummaa /Examplary/
  8. Kalaqa /Innovation/

Maya Education

Dedicated to excellence in education and shaping the future of our students through innovation and core values in the 2026 academic era.

Quick Links
Home About Us Staff Portal
Contact info

Maya, Ethiopia

jibril219404@gmail.com

+251 923 190 980 

Copyright © 2025-2026 Maya Education Office. All Rights Reserved.
Designed by: Jibril Ahmad Mahammad